John 12:3 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Achiin duuba Maariyaam fiqiree gatii guddo'oo ta Naardoos qofa irraa hujjatante ta liitirii takkaa hidha geettu fuutee, miila Yesuusii lamaanittuu naxxee, rifeensa mataa ifiitiin haxxe. Fiqqeessi fiqire'ee mana duudii guute.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani Mariamuni kiila toko ka d'ad'a qayya dansa qabu, ka gati guddo, fuute miila Yeso dibde, rifeensa mata ufiitini iraa haat'e. Urgaani d'ad'a suni mana suni ch'ufa qabatte.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jennaan Maariyaam killa tokko ka waan urgooftu dansaa akka dhadhaa qayyaa, ka hidda mukaa ka, “Naardoos” jedhan irraa hojjatame qabu, ka gatii gudddaa fuutee, miila Yesus dibdee, rifeensa mataa ufiitiin irraa haaxxee urgaan dhadhaa sunii mana sun cufaa qabatte.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Maariyaam urgoo Naardoosii ka gatiin isaa guddaa baasu fuutee luka Yesuusii dibde; luka isaa rifeensa mataa ufiitiin haxxe. Urgoon Naardoosii mana urgeesse.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Maariyaam urgoo naardoosii ka gatiin isaa guddaa baasu fuutee, luka Yesuusii dibde, luka isaa rifeensa mataa ufiitiin haxxe. Urgoon naardoosiillee mana urgeesse.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yeroo sanitti Maariyaam gatiin isaa haalaan baayi'ee ka ta'e, Naardoosii qulqulluu irraa ka hojjatame, wolakkaa liitiraa ka ta'u shittoo shurrubbee tokkoo fiddee, miila Yesusii ni dibidde, rifeenissa mataa isi'iitiin'llee ni sukuumtte, manni'llee foolii shitto'ootiin ni guute.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba Maariyaam fiqiree gatii guddo'oo ta Naardoos qofa irraa hujante ta litirii takkaa hidha geettu fuutee, miila Yesuusii lamaanittuu naxxee, rifeensa mataa ifiitiin haxxe. Fiqqeessi fiqire'ee mana duudii guute.