John 12:34 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Gumiin deebittee, “Masiihiin haga bara baraa akka jiraatu seera keenna irraa dhageenneera. Ati attamiin Masiihiin ol kaafamuu qaba jetta ree? Ilmi namaa kun eennu inni?” jetteen.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Gumiini waan jetteeni, Nu yayu Seera keesati soomne aka Kristoni haga hegeri tau. Atini akami Ilma Nama lafa tana olfuud'u malani jette re? Ilmi Nama kunini eennu kana?
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Gumiin deebichee, “Nu seera keessatti akka Kiristoon haga hegerii taa'u yaayyuu dhageennee; atin akkam ilma namaa lafa tanaa olfuudhuu malan jetta ree? Ilmii namaa kunin eennuu kanaa?” jetteen.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Eeganaa baniin, «Nu'u Kiristoos akka bara baraan jiraatu seera irraa dhageenneerra. Ati ammo attamitti Ilmi Namaa ol fuudhamuu qaba jetta? Ilmi Namaa kunillee eennu?» jedhanii deebisaniif.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Eeganaa baniin, «Nu Kiristoos akka bara baraan jiraatu seera irraa dhageenneerra. Ati ammoo Ilmi namaa ol fuudhamuu qaba attamitti jetta? Ilmi namaa kunillee eennu?» jedhanii deebisaniif.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Namoonni'llee, «Seeraan barreeffamee ka argannu, ‹Masihiin bara baraaf ni jiraata› ka jedhu, eegaa ati, ‹Ilmi Namaa gara olii ol jechuu ni qaba› attamitti jetta? Ilmi Namaa kun hoo eennu?» ni jedhaniin.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Gumiin deebittee, «Masiihiin haga bara baraa akka jiraatu seera keenna irraa dhageenneerra. Ati attamiin Masiihiin ol kaafamuu qaba jetta ree? Ilmi namaa kun eennu inni?» jetteen.