John 12:35 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Yesuus deebisee, “Ifi yennaa gabaaddu'uuf isin woliin hin jiraata. Dukkanti akka isin hin dhaqqanne, ifa adoo qaddanuu ideema'a; nami dukkanaan deemu eessa akka deemiisatti jiru hin beeku.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yesoni waan jed'eeni, Ifsaani haga diqa toko ch'alla isani woliini jira; ato ifsa qabdanu yaa, aka dukanti isani ind'aqamne. Nami dukana keesa deemu gara deemu imbeekhu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jennaan Yesus, “Ibseen haga diqqaa tokkoo callaa isan waliin jirti; adoo ibsee qabdaanuu yaa'aa! Akka dukkantii isan hindhaqamne. Namii dukkana keessa deemu gara deemu hinbeeku.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yesuusillee, «Ifni amma hennaa diqqo'oof isin woliin uduu jiru, akka dukkanti isin hin liqimsine uduu ifni jiru ifa keessa jiraadhaa'a; ka dukkana keessa jiraatu garam akka deemu hin beeku.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yesuusillee, «Ifni amma hennaa diqqo'oof isin woliin uduu jiru, akka dukkanti isin hin liqimsine uduu ifni jiru ifa keessa jiraadhaa'a, ka dukkana keessa jiraatu garam akka deemu hin beeku.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yesus'llee akkana isaaniin jedhe, «Amma yeroo muraasaaf isin woliin ifin ni jira, dukkanni akka isin irraa hin geenneef, ifin uduu isinii jiru dedeebi'aa, dukkanaan ka dedeebi'u garam akka deemu hin beeku.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yesuus deebisee, «Ifi yennaa gabaaddu'uuf isin woliin hin jiraata. Dukkanti akka isin hin dhaqqanne, ifa adoo qaddanuu ideema'a; nami dukkanaan deemu eessa akka deemiisatti jiru hin beeku.