John 12:36 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Ijoollee ifaa akka teetanuuf, adoo ifa qaddanuu, ifatti dhugeeffadha'a” jedheen. Yesuus tana dubbateen duuba, biraa ideemee isaan duralle'ee ifi dhosse.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ato ifsa qabdanu, ifsa suni d'ugefad'a, aka ilmaani ifsaa taatani. Yesoni waan kana dubbannaani kae worra duraa d'okhate.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Akka ilmaan ibsee taatan, adoo ibsee qabdanuu ibsee sunitti dhugeeffadhaa!” warraan jedhe. Yesus waan kana dubbannaan ka'ee warra duraa dhokate.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Akka ijoollee ifaa taataniif, uduu ifa qabdan ifatti amanaa'a» isaaniin jedhe. Yesuus kana dubbatee lixee isaan jalaa miliqe.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Ijoollee ifaa akka taataniif, uduu ifa qabdan ifatti amanaa'a» isaaniin jedhe. Yesuus kana dubbatee, lixee isaan jalaa miliqe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Ijoollee ifin uduu isinii jiru, ifatti amanaa.» Yesus kana eega dubbateen duubatti, deemee isaan jala ni milqe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ijoollee ifaa akka teetanuuf, adoo ifa qaddanuu, ifatti dhugeeffadha'a» jedheen. Yesuus tana dubbateen duuba, biraa ideemee isaan duralle'ee ifi dhosse.