John 12:38 — Compare Translations
6 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Dubbiin raagichi Isaayaas, “Gootta'a, eennutti waan nuuti itti hinne dhugeeffate? Hunni Gootta'aa eennutti mudhatte?” ka jedhe akka muummottuuf tun teete.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
aka dubbini raagi Isayani dubbate guutamtu ta, Aabbo, eennuti d'aamsa keennaa d'ugefate? Jabeenni Aabbo eennuti mullate? jette.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
tunin akka dubbiin raagii Isaayas dubbate guutamtuuf, ta innii “Aabboo, eennuutti dhaamsa keennaa dhugeeffate? Jabeennii Aabboo eennuutti mullate?” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
raattichi Isaayyaas, «Gooftaa kiyya! Eentu ragaa keenna amane? Irreen Rabbiillee eennutti mudhate?» jedhee dubbiin dubbatame akka raawwatamuuf isatti hin amanen.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kun'llee ka ta'e nabiyyichi Isaayaas, «Yaa Gooftaa! Ragummaa keenna eennutu amane? huminni Goofta'aa hoo eennuuf mulidhate?» jechu'uun, dubbiin dubbate, akka raawwatamuuf.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Dubbiin raagichi Isaayaas, «Gootta'a, eennutti waan nuuti itti hinne dhugeeffate? Hunni Gootta'aa eennutti mudhatte?» ka jedhe akka muummottuuf tun teete.