John 12:39 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Maarre isaan dhugeeffatiisa hin dandeenne, sababille Isaayaas addee dhibiille'etti,
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Maro waan kanatifi d'ugefachu dad'abani, waan Isayani ammalle dubbate waan jed'e,
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Mar. roo waan kanaatiif dhugeeffachuu dadhaban, waan Isaayas ammallee dubbatee,
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isaayyaas ammo, «Ija isaaniitiin akka hin argine qalbii isaaniitiin akka hin hubanne akka hin fayyineef ija isaanii jaamse; garaa isaaniillee hin jabeesse waan jedheeruuf amanuu dadhaban»
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Isaayyaas ammoo, «Ija isaaniitiin akka hin argine qalbii isaaniitiin akka hin hubanne akka hin fayyinneef, ija isaanii jaamse, garaa isaaniillee hin jabeesse, waan jedheeruuf, amanuu dadhaban»
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Deebi'ee'llee Isaayaas akkana jechu'uun amanuu dhabuu isaanii ni ibise,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Maarre isaan dhugeeffatiisa hin dandeenne, sababille Isaayaas addee dhibiille'etti,