John 12:42 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Te'uu malee, Yihudooti worri baallii qabanu hedduun Yesuusitti dhugeeffatane; ammoo Mana Waaqeffannaa Yihudootaa keessaa nu baasan jedhanee, Fariisaayota waan sodaataneef, isatti dhugeeffatuu isaanii ifa baasanee hin dubbanne.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Taatule nami gugurdaani hedduuni Yeso d'ugefate; ammo maro Farisayo sodaataniifi inhimanne aka mana Waaqa iti kad'atani seenu worra ind'owarre.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Taatuullee warrii gugurdaan hedduun Yesus dhugeeffatee; ammoo marroo Fariisota sodaataniif akka mana Waldeennaa seenu warra hindhowarre hinhimanne.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kana woliin bulchoonni hedduu akkasuma isatti amanan; akka Fariisonni mana sagada Yihuudotaa keessaa isaan hin baafneef isaa ragaa hin baane.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Kana woliin bulchoonni hedduu akkasuma isatti amanan, akka Fariisonni mana sagada Yihuudotaa keessaa isaan hin baafneef, isaa ragaa hin baane.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Ta'u'llee itti gaafatamoota Yihudotaa keessaa'llee baayi'eewwan Yesusitti amananii jiran, garuu Fariisonni bakka wolgayii isaaniitii akka isaan hin baafinneef sodaachu'uun, ifaan ragaa isaa hin baaneef.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Te'uu malee, Yihudooti worri baallii qabanu hedduun Yesuusitti dhugeeffatane; ammoo Mana Waaqonfannaa Yihudootaa keessaa nu baasan jedhanee, Fariisaayota waan sodaataneef, isatti dhugeeffatuu isaanii ifa baasanee hin dubbanne.