John 12:44 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Yesuus qoonqoo guddo'oon, “Nami anatti dhugeeffatu ka ana ergelle'etti dhugeeffata malee ana qofatti hin dhugeeffatu.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yesoni qonqo olfud'ate waan jed'e, Nami na d'ugefatu, na ind'ugefatu, ammo ka na erge d'ugefata.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jennaan Yesus qoonqoo olfudhatee, “Namii na dhugeeffatu, na hindhugeeffatuu, ammoo ka na erge dhugeeffata.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yesuus laagaa ol qabatee akkana jedhe, «Ka natti amanu kana ergetti amane malee anattii miti.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yesuusillee laagaa ol qabatee akkana jedhe, «Ka anatti amanu kana ergetti amane malee anattii miti.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yesus qooniqqa isaa ol fudhatee akkana ni jedhe, «Ka anatti amanu ana qofatti uduu hin ta'in, ka ana ergetti'llee ni amana,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yesuus qoonqoo guddo'oon, «Nami natti dhugeeffatu ka na ergelle'etti dhugeeffata malee na qofatti hin dhugeeffatu.