John 12:47 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Nama jecha kiyya dhage'ee hin eeganetti ka muru anaa moti; ani biyya lafaa fayyisiisaaf dhufe malee, itti muriisaaf hin dhunne.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yo nami toko dubbi tiyya d'agaye inguunne, anini wollaala iti imuru. Wonti akanatiifi anini wollaala namati muru ind'umne, ammo nama baasu d'ufe.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Anin adoo namii dubbii tiyya dhaga'ee guutuu baateellee, nama tokkollee wallaala itti hinmuru. Wantii akkanaatiif anin wallaala namaatti muruu hindhumnee, ammoo nama baasuu dhufe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Adunyaa fayyisu'uuf malee adunya'atti murteessu'uuf waan hin dhufneef; ka dubbii kiyya dhagayee hin eenne yoo jiraate ka itti murteessu anaa miti.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Adunyaa fayyisu'uuf malee adunya'atti murteessu'uuf waan hin dhufneef, dubbii kiyya dhagayee, ka hin eenne yoo jiraate ka itti murteessu anaa miti.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Dubbii kiyya dhagayee hujii irra ka hin oolichinetti ka murtteessu anaa miti, ani ka dhufeef biyya lafaa fayyisu'uuf malee, biyya lafaa irratti murtteessu'uufii miti.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Nama jecha kiyya dhage'ee hin eeganetti ka muru anaa moti; ani biyya lafaa fayyisiisaaf dhufe malee, itti muriisaaf hin dhunne.