John 12:49 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Ani baallii tiyyaan hin dubbanne; ammoo Abbaa ana ergetti waan ani jedhee dubbadhu na ajaje.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Anini yaada kiyyaani indubbanne, ammo Abba na ergeti seera nati kenne waan ani dubbad'uufi waan ani jed'u na jechisiisa.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Anin yaada kiyyaan hindubbannee, ammoo Abbaa na ergeetti seera natti kennee waan anin dubbadhuu fi waan anin jedhuullee na jechisiise.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ani ufii waan hin dubbanneef; haa ta'uu ammo Abbaan na erge inni, waan jedhuuf ajaja dubbadhullee naa kenneera.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Ani ufii waan hin dubbanneef, haata'uu ammoo Abbaan na erge inni, waan jedhuuf ajaja dubbadhullee naa kenneera.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Ani aangoo mataa kiyyaatiin hin dubbanne, ani ka jedhuu fi ajaja dubbadhu ka naaf kenne, Waaqa Abbaa ana erge.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ani baallii tiyyaan hin dubbanne; ammoo Abbaa na ergetti waan ani jedhee dubbadhu na ajaje.