John 12:6 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Inni waan hattuu te'eef, tana jedhe malee, marroo hiyyeeyyi'iitiif jedheetii moti. Inni korojoo beese'ee ba'ata; beesee korojoo keessaalle fudhataa ture.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Inni dubbi tana naasu hiyyeeyitiifi injenne, ammo waan inni hattu tahe, hori subbati naqani guuratuufi jed'e.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Innii dubbii tana naasu hiyyeeyyitiif hinjennee, ammoo waan hattuu ta'ee, horii subbaatti naqan guuratuuf jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Inni wonti kana dubbateef waan hattuu ta'eef malee hiyyeeyyi'ii yaadeetii miti, ka korojoo birrii keessa kaayan qabatu isa waan ta'eef, birrii korojoo keessa kaayan fudhata'aa ture.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Inni kana wonti dubbateef, waan hattuu ta'eef malee hiyyeeyyi'ii yaadeetii miti, ka korojoo birrii keessa kaayan qabatu isa waan ta'eef, birrii korojoo keessa kaayan fudhata'aa ture.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Inni'llee kana ka dubbateef hiyyeessotaaf gaddee uduu hin ta'in hattuu waan tureef, qaraaciitii qarshi'ii ka qabu isa waan ta'eef, qarshii qaraaciitii keessa kaayamu irraa fudhachuu barateeti.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Inni waan hattuu te'eef, tana jedhe malee, marroo hiyyeeyyi'iitiif jedheetii moti. Inni korojoo beese'ee ba'ata; beesee korojoo keessaalle fudhataa ture.