John 12:9 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Worra Yihudootaa keessaa Kolbaan hedduun Yesuus Bitaaniyaa akka jiru beette; maarre Yesuus qofaaf adoo hin te'in Alaazarii inni du'aa kaaselle dhaggiisaaf achi dhaxxe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yahudiini hedduuni aka inni achi jiru d'ageennaani, Yeso ch'alla ilaalu ind'umne, ammo aka Lazaro, ka inni duisa keesaa kaase, argitu d'ufte.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yihudiin hedduun akka Yesus achi jiru dhageennaan, Yesus callaa laaluu hindhumnee, ammoo akka Alaazaar ka innii du'a keessaa kaase, argitu dhufte.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yihuudota keessaa baniin hedduu akka inni achi ture beekanii, Alaazaarii inni du'aa kaase argu'uuf dhufan malee, Yesuusiin calla'aafii miti.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yihuudota keessaallee baniin hedduu akka inni achi ture beekanii, Alaazaarii inni du'aa kaase argu'uuf dhufan malee, Yesuusiin calla'aafii mit.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yeroo sanitti Yihudota keessaa baayi'eewwan Yesus Bitaaniyaa akka jiru beekanii ni dhufan, ka dhufan'llee waayee Yesusii qofaaf uduu hin ta'in, Yesus du'aa ka isa kaase Alaazaariin'llee laalu'uuf ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Worra Yihudootaa keessaa Kolbaan hedduun Yesuus Bitaaniyaa akka jiru beette; maarre Yesuus qofaaf adoo hin te'in Alaazarii inni du'aa kaaselle dhaggiisaaf achi dhaxxe.