John 13:1 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Guyyaa Jila Irra Dabaramaatiin dura, Yesuus biyya lafaa tana lakkisee yennaan gara Abba'aa deemu akka geetteertu beeke. Inni biyya lafaa tana keessatti worra ka isaa te'ane yennaa mara jaalateeraayyu; haga muumme'eetittille isaan jaalate.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ato jilti Pasaka jed'ani ingahiini, Yesoni aka hojjaani inni lafa keesaa kae gara Abbati galu d'iaatte beekhe. Inni haguma qara jara ufi ka lafa tana gubba woliini tae guddo jaalate, jaalalti sunileeni muumme inqabdu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Adoo jiltii dabarsaa jedhan hinga'in, Yesus akka yo'ii innii lafa tana keesaa ka'ee gara Abbaa galu dhi'aate beeke. Innii jara ufii ka lafa tana gubbaa waliin taa'ee akkum qaraa guddoo jaalatee, hagasiillee irra jaalala muummee hinqamne jaalate.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yesuus ayyaana Faasika'aa dura adunyaa kana irraa hennaan gara Abba'aa deemu akka gaye beekee, worra isaa ka adunyaa kana irra jiran, worra jaalate jaalala dhuma hin qabneen jaalate.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yesuusillee ayyaana Faasika'aa dura adunyaa kana irraa hennaan gara Abba'aa deemu akka gaye beekee, worra isaa ka adunyaa kana irra jiran, worra jaalate haga dhumaa jaalate.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kunoo, yeroon Ayyaana Faasiikaa Yihudotaatiin durana ni ture, Yesus biyya lafaa kana dhiisee gara Waaqa Abba'aa yeroon itti deemu gayuu isaa ni beeke. Biyya lafaa kana ka jiran worra isaa isaan jaalatee ture, Haga muumme'ee titti'llee isaan ni jaalate.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Guyyaa Jila Irra Dabaramaatiin dura, Yesuus biyya lafaa tana lakkisee yennaan gara Abba'aa deemu akka geetteertu beeke. Inni biyya lafaa tana keessatti worra ka isaa te'ane yennaa mara jaalateeraayyu; haga muumme'eetittille isaan jaalate.