John 13:10 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Yesuus deebisee, “Nami nafa dhiqate, nafi isaa duudiin qulqulluu waan te'eef, miila ifii malee, nafa dhiqachuu hin barbaachisu. Isin qulqullu'u; te'uu malee, isin marti qulqullu'uu moti” jedheen.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yesoni waan jed'eeni, Nami nafa d'iqate waan iti deebie d'iqatuufi inqabu, miila male, inni ya qulqullae. Isani ch'ufti qulqullo, toko male.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yesus, “Namii nafa dhiqatee, miila malee, waan itti deebi'ee dhiqatuuf hinqabu, innii ya qulqullaa'e. Isaniin cuftii qulqulloo, tokko malee” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yesuusillee, «Ka dhiqate luka dhiqachuu malee ka biraa hin barbaachisuun nafti maruu ammo qulqullu'u. Isinillee qulqulloota; haa ta'uu ammo isin maraa miti» jedheen.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yesuusillee, «Ka dhiqate luka dhiqachuu malee ka biraa hin barbaachisuun nafti maruu ammoo qulqullu'u. Isinillee qulqulloota, haata'uu ammoo isin maraa miti» jedheen.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yesus'llee, «Qaama isaa ka miicate garri inni qabu marrinuu qulqulluu waan ta'eef, miila isaa miicachu'uun alatti, ka bira'aa isa hin barbaachisu, isin'llee qulqullaayomota, garuu marri keessanuu Qulqullu'uu miti» jedheen.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yesuus deebisee, «Nami nafa dhiqate, nafi isaa duudiin qulqulluu waan te'eef, miila ifii malee, nafa dhiqachuu hin barbaachisu. Isin qulqullu'u; te'uu malee, isin marti qulqullu'uu moti» jedheen.