John 13:18 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
“Ani marroo isin maraatiif dubbatiisatti hin jiru; ani worra filadheeru hin beeka; ammoo Barreeffam Woyyichi, ‘Namichi sagalee tiyya nyaate garagalee anatti ka'e!’ jedhu muummawuu qaba.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Anini isani ch'ufa imbaanu; nama anini fohad'e imbeekha. Ammo t'aafiini ta, Nami na woliini qit'a nyaatu nati garagala jette guutamu malte.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
“Anin isanii cufaa hinbaanu; nama foohadhe anin inbeeka. Ammoo barreessiin ta, ‘Namii na waliin qixxaa nyaatuu natti garagalaa’ jette guutamuu malte.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
«Waan keessan maraaf hin dubbadhu; ani worra filadhe san hin beeka; haa ta'uu ammo kitaabni, ‹Ka harka kiyya irraa nyaate deebi'ee natti ka'e› dubbiin jedhu akka raawwatamuuf.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
«Waan keessan maraafi hin dubbadhu, ani worra filadhe san hin beekaa, haata'uu ammoo kitaabni, ‹Ka harka kiyya irraa nyaate deebi'ee natti ka'e› dubbiin jedhu akka raawwattamuuf.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kana ka dubbadhu waayee mara keessaniitiifii miti, ani worra isin filadhe ni beeka, garuu buddeena kiyya ka nyaate ana irratti diinumma'aan ni ka'e ka jedhu, dubbiin Kitaaba Qulqullu'uu raawwatamu qaba.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Ani marroo isin maraatiif dubbatiisatti hin jiru; ani worra filadheeru hin beeka; ammoo Barreeffam Woyyichi, ‹Namichi sagalee tiyya nyaate garagalee natti ka'e!› jedhu muummowuu qaba.