John 13:22 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Barattooti marroo eennuutiif akka inni dubbate wollaalanee, wol ilaalane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jari isaa woli mimillate, ammo nama inni baane suni imbeekhani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jarii isaa ammoo waan eennuu akka innii dubbate wallaalee walmimillate.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Darasoonni waan eennuu akka dubbate mamanii deebi'anii wol laalan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Darasoonni waan eennuu akka dubbate mamaniiti deebi'anii wol laalan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Barattoonni isaa kana waayee eennuutiif akka dubbate beekuu dhabuu isaaniitiin, ufii isaaniitii woliin ni laalan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Barattooti marroo eennuutiif akka inni dubbate wollaalanee, wol ilaalane.