John 13:26 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Yesuus deebisee, “Ka ani cassaa dabbo'oo tana unata keessa cuuphee tuuqachiisu isa” jedheen; maarre inni cassaa daabbo'oo fuudhee, ilma Simoonii, Yihudaa nama biyya keriyootii tuuqachiise.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yesoni waan jed'eeni, Nami anini qit'a kana ch'abse fuutooni tuqe iti kennu sunuma. Duuba inni qit'a fuud'e, fuutooni tuqe Yuda Iskarioteti kenne.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yesus, “Namii anin qixxaa kana cabsee fuutoon tuqee itti kennu isa” jedhee deebiseef. Duuba innii qixxaa fuudhee, fuutoon tuqee Yihudaa Keriyoti ka ilma Simooniitti kenne.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yesuusillee, «Ka Ani xoroshoo cabsee kennuuf san» jedhee deebiseef; kutaa xorosho'oo fuudhee waan unataniin tuqee Yihuudaa ilma Simoonii ka biyya Keriyotitti kenne.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yesuusillee, «Ka Ani xoroshoo cabsee kennuuf san» jedhee deebiseef, kutaa xoroshoo fuudhee waan unataniin tuqee ilma Simoonii Yihuudaa ka biyya Asqorootu'uutii kenne.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yesus'llee, «Inni'llee buddeenna kana itto'oon tuqee ka afaan kaayuun» jedhe. Kana'llee jedhee buddeenna itto'oon tuqeeti, nama biyya Keriyootii ilma Simoonii Yihudaa afaan ni kaayeen.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yesuus deebisee, «Ka ani cassaa daabbo'oo tana unata keessa cuuphee tuuqachiisu isa» jedheen; maarre inni cassaa daabbo'oo fuudhee, ilma Simoonii, Yihudaa nama biyya keriyootii tuuqachiise.