John 13:27 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Yihudaan akkuma cassaa daabbo'oo fudhateen, Seexanni isatti gale; Yesuus isaan, “Waan hujaartu dafii huji!” jedheen.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Akuma Yudani qit'a fud'ateeni, Sheet'ani isa keesa seene. Duuba Yesoni waan jed'eeni, Waan tolchu feetu hurrisi tolchi.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Akkuma Yihudaan qixxaa fudhateen, Sheexanii isa keessa seene. Jennaan Yesus, “Waan tolchuu feetu hurrisii tolchi!” jedheen.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ka inni kutee kenneef haga fudhateen maayessa hennama san Seexanni itti gale; Eeganaa Yesuus, «Waan godhu'uuf taatu dafii godhi!» jedheen.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Ka inni kutee kenneef haga fudhateen maayessa hennama san, Seexanni itti gale; Eeganaa Yesuus, «Waan godhu'uuf taatu dafii godhi!» jedheen.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yihudaan'llee fuudhaa eega fudhateen duubatti, bakkumatti seexanni isaa keessa ni bule, Yesus'llee Yihuda'aan, «Raawwachu'uuf waan yaadde dafiitii raawwadhu!» jedheen.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yihudaan akkuma cassaa daabbo'oo fudhateen, Seexanni isatti gale; Yesuus isaan, «Waan hujaartu dafii huji!» jedheen.