John 13:29 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Yihudaan beesee waan qabatuuf, barattooti gariin jilaaf waan isaanii barbaachisu dhaqee akka bitu, yookiin hiyyeeyyi'iif waan tokko akka kennuuf, Yesuus itti hime seyane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Nami gari waan Yudani subba hori harkaa qabatuufi waan Yesoni, Waan nu jilaa feenu nu biti, yokhaani, Hiyyeeyii hori kenni jed'eeni sehe.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Namii garii waan Yihudaan subba horii harkaa qabatuuf waan Yesus, “Waan nu jilaa feenuu nuu biti!” yokaan, “Hiyyeeyyii horii kenni” jedheen sehe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yihuudaan waan korojoo qabatuuf Yesuus ayyaanaaf waan barbaachisu akka bitu yookaan akka hiyyeeyyi'iif kennaa kennuuf gariin waan kanaaf jedhe isaanitti fakkaatee ture.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yihuudaan waan korojoo qabatuuf, Yesuus ayyaanaaf waan barbaachisu akka bitu yookiin hiyyeeyyi'iif kennaa akka kennuuf gariin waan kanaaf jedhe isaanitti fakkaatee ture.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yihudaan qarshii qabaa waan tureef barattoota keessa tokko tokkoon isaanii Yesus, «Waan ayyaanaaf nu barbaachisu biti yookiin hiyyeesotaaf arjjooma kenni» waan isaan jedhe, isaanitti fakkaatee ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yihudaan beesee waan qabatuuf, barattooti gariin jilaaf waan isaanii barbaachisu dhaqee akka bitu, yookiin hiyyeeyyi'iif waan tokko akka kennuuf, Yesuus itti hime seyane.