John 13:38 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Yesuus deebisee, “Ati dhugumaan lubbuu teeti anaaf dabarsitee hin kennitaa? Ani dhugaa sitti hima: Adoo lukkuun hin iyyin ati yennaa sadiin na mormatta” jedheen.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yesoni waan jed'eeni, Maro kiyyafi atini indoota? D'uguma, waan anini siini jed'u, Kormi luku iniyu, haga atini maro sadi na mormatuuti.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jesus ammoo deebisee, “Atin marroo tiyyaaf indootaa? Anin dhuguma, dhugaatiin sitti himaa, adoo kormii lukkuu hiniyyinee, atin marroo sadii na mormatta” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yesuus akkana jedhee deebiseef, «Lubbuu tee naaf kennitaa? Dhugama dhuga'aatiin siin jedha uduu lukkuun hin iyyin hennaa sadihii na waakkatta» jedheen.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yesuusillee akkana jedhee deebiseef, «Lubbuu tee naaf kennitaa? Dhugama dhuga'aatiin siin jedha uduu lukkuun hin iyyin hennaa sadi na ganta» jedheen.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yesus'llee, «Ati lubbuu kee waayee kiyyaaf dabarssitee ni kennita? Dhugaa siin jedha, adha lukkuun iyyu'uun duranatti, yeroo sadihii ana waakkata» jechu'uun, ni deebise.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yesuus deebisee, «Ati dhugumaan lubbuu teeti naaf dabarsitee hin kennitaa? Ani dhugaa sitti hima: Adoo lukkuun hin iyyin ati yennaa sadiin na mormatta» jedheen.