John 14:10 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Filiphoos! Akka ani Abba'aan jiru, Abbaalle anaan jiru ati hin dhugeeffattuu? Ani Jecha isinitti dubbadhu, baallii tiyyaan hin dubbadhu. Abbaa, ana keessa jiraatuttuu, hujii ifii huja.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Isii Filipo, aka anini Abba keesa jiru, Abbaaleeni na keesa jiru ind'ugefanne? Dubbini anini isaniini jed'u yaada kiyyaani injed'u. Ammo Abba na keesa jiruti huji ufi tolfata.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Isii Filiphos, akka anin Abbaa keessa jiru, Abbaalleen na keessa jiru hindhugeeffannee? Anin dubbii isanitti dubbadhu cufaa yaada kiyyaan hindubbadhuu, ammoo abbaa na keessa jiruutti hujjii ufii hojjata.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Akka Ani Aabbaan keessa jiru, Akka Aabballee na keessa jiru hin amantuu? Ani dubbii isinitti himu uf irraa hin dubbadhu; uf irraallee isinitti hin himu. Haa ta'uu ammo ka na keessa jiru inni Aabba hujii ufii hin hojjata.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Akkuma Ani Aabbaan keessa jiru, Aabballee na keessa akka jiru hin amantuu? Ani dubbii isinitti himu uf irraa hin dubbadhu. Uf irraallee isinitti hin himu. Haata'uu ammo ka na keessa jiru inni Aabba hujii ufii hin hojjata.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Ani Waaqa Abba'aan akka jiru, Waaqinni Abbaan'llee ana keessa akka jiru, hin amanttuu ree? Dubbii isinitti dubbadhu aangoo mataa kiyyaatiinii miti, garuu hujii maraa ka hojjatu Waaqa Abbaa ana keessa jiraatu.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Filiphoos! Akka ani Abba'aan jiru, Abbaalle anaan jiru ati hin dhugeeffattuu? Ani Jecha isinitti dubbadhu, baallii tiyyaan hin dubbadhu. Abbaa, na keessa jiraatuttuu, hujii ifii huja.