John 14:28 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
‘Ani deemaara, ammoo deebi'ee gara keessan hin dhufa’ akka isiniin jedhe dhageettaneertan; adoo ana jaallattanu teetee, Abbaan ana waan caaluuf, gara Abba'aa deemuu kiyyatti silaa hin gammaddaniiyyu.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Aka anini, Deeme isaniti deebia jed'e, la d'ageetani. Yo na jaalattani sila ingammaddani, waan anini gara Abba kiyya deemuufi. Wonti akanatiifi Abbaani kiyya nara gudda.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Akka anin, ‘Deemeetti isanitti deebi'a’ jedhe, la dhageettani; adoo silaa na jaalatanii, waan anin gara abbaa kiyyaa deemuuf ingammaddan; Wantii akkanaatiif Abbaan kiyya narra guddaa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
‹Ani hin deema, gara keessanillee hin dhufa› akka isiniin jedhe dhageettaniirtan. Uduu ka na jaalattan ta'ee, waan Aabba na caaluuf gara Aabbaa waan deemeef silaa hin gammaddan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
‹Ani hin deema, gara keessanillee hin dhufa› akka isiniin jedhe dhageettaniirtan. Uduu ka na jaalattan ta'ee, waan Aabba na caaluuf, gara Aabbaa waan deemeef silaa hin gammaddan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Ani ni deema, deebi'ee'llee gara keessan ni dhufa, akka jedhe dhageettanii jirttan, abbaan kiyya isin waan caaluuf ka najaalattan uduu ta'ee, gara Waaqa Abba'aa deemuu kiyyaan ni gammadan ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
‹Ani deemaara, ammoo deebi'ee gara keessan hin dhufa› akka isiniin jedhe dhageettaneertan; adoo na jaalattanu teetee, Abbaan na waan caaluuf, gara Abba'aa deemuu kiyyatti silaa hin gammaddaniiyyu.