John 14:5 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Toomaas isaan, “Gootta'a, addee ati dhaqaartu nuuti hin beennu; maarre nuuti attamiin karaa achi geessu beekuu dandeenna?” jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Tomasoni waan jed'eeni, Gara atini deemtu imbeennu, akamiini karaa beena?
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Toomas ammoo, “Gara atin deemtuu hinbeennuu, akkamiin karaa beenna?” jedhee gaafate.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Toomaas, «Gooftaa'a! gara ati deemtu hin beennu karaa attamiin beenna?» jedheen.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Toomaasillee, «Gooftaa'a! Gara ati deemtu hin beennu karaa attamiin beenna?» jedheen.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Toomaas'llee, «Yaa Gooftaa! Garam akka deemittu hin beekinnu, eegaa, karaa attamitti beeku'uuf danddeenna ree?» jedheen.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Toomaas isaan, «Gootta'a, addee ati dhaqaartu nuuti hin beennu; maarre nuuti attamiin karaa achi geessu beekuu dandeenna?» jedhe.