John 14:9 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Yesuus deebisee, “Isin mara woliin ani yennaa dheertuu tee'eera; Filiphoos! Ati haga ammaa ana hin beettuu? Ka ana dhagge Abbaa dhaggeera. Ati maaf, ‘Abbaa nu'utti mudhisi’ jetta ree?
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yesoni waan jed'eeni, Ila Filipo, nu guyya heddu woliini teenne, ammalle na imbaranne? Nami na arge Abbaale la arge. Atini akami, Abba nu agarsiisi jetta?
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yesus deebisee, “Ilaa Filiphos, nu guyyaa hedduu waliin teennee, ammallee na hinbaraannee? Namii na arge Abbaallee la arge; atin akkam, ‘Abbaa nu garsiisi’ jetta ree?
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yesuus akkana jedheen, «Ati Filiphoos! haga bara kana maraa hennaa isin woliin jiraadhe na hin beettuu? Ka na arge Aabbaan argeera; ati attamitti, ‹Aabbaan nutti mudhis› jetta?
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yesuusillee akkana jedheen, «Ati Filiphoosi haga bara kana maraa isin woliin hennaa jiraadhe na hin beettuu? Ka na arge Aabbaan argeera, attamitti ati, ‹Aabbaan nutti mudhisi› jettaa?
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yesus'llee akkana jechu'uun ni deebiseef, «Yaa Filiphos! Yeroo kana mara isi'iin woliin yoo jiraadhutti, ana hin beekittu moo? Ana ka arge Waaqa Abbaa ni arge, eegaa ati, ‹Waaqa Abbaa nutti muldhisi› attamitti jetta ree?
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yesuus deebisee, «Isin mara woliin ani yennaa dheertuu tee'eera; Filiphoos! Ati haga ammaa na hin beettuu? Ka ana dhagge Abbaa dhaggeera. Ati maaf, ‹Abbaa nu'utti mudhisi› jetta ree?