John 15:16 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Anatti isin filate malee, isin ana hin filanne. Isin dhaxxanee midhaan jiraatu hedduu akka buuttanu, ani isin muudeera. Maarre waan maqaa kiyyaan kadhattane mara Abbaan kiyya isiniif hin kenna.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Isani na imfohanne, ammo anati isani fohate erge, aka deemtani mid'aani baaftani, mid'aani ka inhamaanne. Duuba Abbaani waan maqa kiyyaani kad'attani ch'ufa isanii kenna.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Isan na hinfoohanne, ammoo natti isan foohate; akka deemtanii midhaan baaftaniif, midhaan keessaniilleen akka hinhamaanneef, tanaaf waan maqaa kiyyaan kadhattan cufaa Abbaan isanii kenna.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Anatu isin filate malee isin na hin filanne, Aabballee waan maqaa kiyyaan kadhattan maraa akka isinii kennu, deemtanii akka daraaraa godhattan, daraaraan keessanillee akka jiraatuuf isin muude.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Anatu isin filate malee, isin na hin filanne, Aabballee waan maqaa kiyyaan kadhattan maraa akka isinii kennu, deemtanii daraaraa akka godhattan, daraaraan keessanillee akka jiraatuuf isin muude.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
anatu isin filate malee isin ana hin filanne, deemttanii firii baayi'ee akka daraarttaniif, firiin keessan'llee jiraataa akka ta'uuf, isin ni muude. Kanaaf waan maqaa kiyyaan kadhattan maraa, Waaqinni Abbaan isiniif ni kenna.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Anatti isin filate malee, isin na hin filanne. Isin dhaxxanee midhaan jiraatu hedduu akka buuttanu, ani isin muudeera. Maarre waan maqaa kiyyaan gaafattane mara Abbaan kiyya isiniif hin kenna.