John 15:19 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Isin ka biyya lafaa adoo teetanee, biyyi lafaa ka isi'ii ka te'e silaa hin jaallattiiyyu. Isin ka biyya lafaa waan hin te'inii fi waan ani biyya lafaa tana keessaa isin filadheef biyyi lafaa isin jibbiti.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yo isani nama lafa tanaa taatani, nami lafa tana akuma woljaalatu isanile jaalata. Ammo waan isani nama lafaa intahiiniifi ammalle waan anini lafa keesa isani fohad'eefi, nami lafaa isani jibba.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Adoo isan nama lafa tanaa taatanii, namii lafa tanaa akkuma waljaalatu isaniillee jaalata; ammoo waan isan nama lafaa hinta'iiniif ammallee waan anin lafa keessaa isan foohadheef, namii lafaa isan jibba.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isin uduu worra adunya'aa taatanii adunyaan waan ufii hin jaalatti. Isin ka adunyaa kanaa waan hin taaneef adunyaa irraa isin filadhe. Kanaaf adunyaan isin jibbiti.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Isin worra adunya'aa uduu taatanii adunyaan waan ufii hin jaalatti. Isin ka adunyaa kanaa waan hin taaneef adunyaa irraa isin filadhe. Kanaaf adunyaan isin jibbiti.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Ka biyya lafaa yoo taatan biyyi lafaa ka isaa ka ta'e ni jaalata ture, isin garuu ka biyya lafaa waan hin ta'inii fi ani biyya lafaa irraa fooyee waan isin filadheef, biyyi lafaa isin ni jibba.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isin ka biyya lafaa adoo teetanee, biyyi lafaa ka isi'ii ka te'e silaa hin jaalattiiyyu. Isin ka biyya lafaa waan hin te'inii fi waan ani biyya lafaa tana keessaa isin filadheef biyyi lafaa isin jibbiti.