John 15:2 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Damee anatti jirtu ta midhaan hin buunne mara inni muree hin gata; dameen midhaan buuttu ammoo caalchitte akka midhaan buuttuuf, qaccee kutee qulqulleessa.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Dame na keesa jirtu ta mid'aani imbaamne ch'ufa inni imballeesa, dame mid'aani baaftu ch'ufa inni kolkoleti mid'aasa aka mid'aani haga qarale ira baaftu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Damee na keessa jirtu ta midhaan hinbaamne cufaa innii hinballeessa, damee midhaan baaftu cufaa ammoo akka haga qaraallee irra midhaan baaftu innii kolkoleetti midhaassa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Damee daraaraa hin baafne ka na irra jiru maraa Abbaan kiyya kutee gata; ka daraaru maraa guddisee akka daraaru hin tottolcha.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Damee daraaraa hin baafne ka na irra jiru maraa Abbaan kiyya kutee gata; ka daraaru maraa guddisee akka daraaru hin tottolcha.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Firii ana irra jiru damee hin daraarre maraa, abbaan kiyya muree ni gataan, damee firii daraaru garuu baayi'essee akka daraaruuf, kittaanee ni qulqulleessaan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Damee natti jirtu ta midhaan hin buunne mara inni muree hin gata; dameen midhaan buuttu ammoo caalchitte akka midhaan buuttuuf, qaccee kutee qulqulleessa.