John 15:21 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Isaan ka ana erge waan hin beenneef, isinille kiyya waan teetaneef, kana mara isin irratti godhan.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo waan kana ch'ufa maro maqa kiyyatiifi isani tolchani, waan nama na erge imbeenneefi.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Ammoo waan nama na erge hinbeenneef, waan kana cufaa marroo maqaa kiyyaatiif isan tolchan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Haa ta'uu ammo isaan ka na erge waan hin beenneef, kana maraa maqaa kiyyaaf jedhanii isin irratti godhan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Haata'uu ammoo isaan ka na erge waan hin beenneef, kana maraa maqaa kiyyaaf jedhanii isin irratti godhan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Ka ana erge waan hin beekinneef, sababa kiyyaan kana mara isin irratti ni raawwatan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isaan ka na erge waan hin beenneef, isinille kiyya waan teetaneef, kana mara isin irratti godhan.