John 15:26 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
“Ani Ayyaana dhuga'aa Jajjabeessaa, ka Abbaa biraa dhufu, isiniif hin erga. Inni anaaf dhugaa hin baya.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo yo Qarqaarsi d'ufu, ka anini gara Abba kiyyati ergu, Lubbu d'uga, ta gara Abbati baatuuti na d'ugeesa.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
“Ammoo qarqaarsii anin gara Abbaa kiyyaatii ergu yo dhufuu, hafuura dhugaa ka gara Abbaa kiyyaattii ba'u suniitti naa dhugeesa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Haa ta'uu ammo ka ani Aabbaan biraa isinii ergu booharsaan Abbaa biraa dhufu Ayyaanni dhuga'aa hennaa dhufe, inni waan kiyya hin raga.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Haata'uu ammoo ka ani Aabbaa biraa isinii ergu jajjabeessaan, innillee ka Abbaa biraa dhufu Ayyaanni dhuga'aa hennaa dhufe, inni waan kiyya ragaa baya.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
«Garuu Waaqa Abbaa biraa ka bayuu fi ani'llee Waaqa Abbaa biraa ka isiniif ergu, Hafuurri dhuga'aa jabeessaan yoo dhufe, inni waayee kiyya ragaa ni baya.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Ani Ayyaana dhuga'aa Jajjabeessaa, ka Abbaa biraa dhufu, isiniif hin erga. Inni naaf dhugaa hin baya.