John 15:5 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
“Ani muka woyni'ii ti, isin dameele'e. Ka anaan jiraatu, ka anille isaan jiraadhu, inni midhaan hedduu hin buusa; anaan malee womaa godhuu hin dandeettanu.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Anini mukha zabibuti, isani damele. Nama na keesa tae anileeni keesa tau ch'allati mid'aani guddo baasa; wonti akanatiifi na male dandeetani woma intolchitani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Anin muka weyniiti, isan dameelee; nama na keessa taa'ee aniilleen keessa taa'uu callaatti midhaan guddoo baasa; wantii akkanaatiif na malee dandeetanii homaa hintolchitani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
«Ani jirma woyini'iiti; isinillee dameewwan kiyya; anaan addatti womaa godhuu waan hin dandeenneef; ka naan jiraatu, ka anillee isa keessa jiraadhu inni daraaraa heddu daraara.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
«Ani jirma woyini'ii ti, isinilee damee kiyya, anaan addatti womaa godhuu waan hin dandeenneef, ka naan jiraatu, ka anilee isa keessa jiraadhu inni daraaraa heddu daraara.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Ani gudeelcha muka woyinni'iiti, isin'llee dameewwan kiyya, firii baayi'ee daraaru ka danda'u ka anaan jiraatuu fi ka ani'llee isa keessa jiraadhu, garuu ana malee womaayyuu raawwachu'uuf hin dandeettan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Ani muka woyni'ii ti, isin dameele'e. Ka anaan jiraatu, ka anille isaan jiraadhu, inni midhaan hedduu hin buusa; anaan malee womaa godhuu hin dandeettanu.