John 16:17 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Barattoota isaa keessaa gariin, “ ‘Yennaa diqqo'oon duuba ana hin dhaggitanu, ammalle yennaa diqqo'oon duuba deebitanee ana hin dhaggitan; akkusuma inni ani gara Abba'aalle waan deemuuf’ nu'uun jechuun isaa kun maan?” jedhanee wol gagaafatane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani jari isaa ka gari waan woliini jed'e, Wonti inni nuuni jed'u kunini maani? Inni, eegi bulti diqo na inargitani jed'a ammalle eegi bulti diqo deebitani na agartani nuuni jed'a, inni ammalle, waan anini gara Abbaa d'aqa jed'eefi akasi jed'e?
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jennaan jarii isaa ka garii, “Wantii innii ‘Bultii diqqoon duubaatti na hinargitan, ammallee bultii diqqoon duubaatti deebitanii na argitan; waan anin gara abbaa kiyyaa dhaquuf’ nuun jedhe kunin maali?” waliin jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Darasoota keessaa gariin, « ‹Hennaa diqqo'otu jira, na hin argitan; ammallee hennaa diqqo'otu jira, na argitan; deebi'ee gara Aabbaa deema› ka jedhu kun maali'i?» woliin jedhan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Darasoota keessaa gariin, « ‹Hennaa diqo'otu jira, na hin argitan; ammallee hennaa diqo'otu jira, na argitanille'e; deebi'ee gara Aabbaa deema› ka jedhu kun maali'i?» woliin jedhan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Barattoota isaa keessaa tokko tokkoon isaanii, «Kun, ‹yeroo muraasaan duubatti ana hin argitan, ammoo yeroo muraasaan duubatti ana ni argitan, akkuma kana gara Waaqa Abba'aa ni deema› wonitti nuun jedhu maali'i?» woliin jedhan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Barattoota isaa keessaa gariin, « ‹Yennaa diqqo'oon duuba na hin dhaggitanu, ammalle yennaa diqqo'oon duuba deebitanee na hin dhaggitan; akkasuma inni ani gara Abba'aalle waan deemuuf› nu'uun jechuun isaa kun maan?» jedhanee wol gagaafatane.