John 16:19 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Yesuus akka isaan isa gaafatiisa barbaadane beekee, “ ‘Yennaa diqqo'oon duuba ana hin dhaggitanu, ammalle yennaa diqqo'oon duuba deebitanee ana hin dhaggitan’ waan ani jedheef, isin wol gagaafattanii?
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yesoni aka worri isa gaafachu fed'u beennaani waan jed'eeni, Waan anini jed'e suni wolgaafattani? Ta, Eegi bulti diqo na inargitani, ammalle, Eegi bulti diqo deebitani na agartani jed'e suni?
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yesus akka warrii isa gaafachuu fedhuu beennaan, “Waan anin, ‘Bultii diqqoon duubaatti na hinargitani’ ammallee, ‘Bultii diqqoon duubaatti deebitanii na agartan’ jedhe sun walgaafachuu jirtanii?
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yesuusillee akka gaafachu'uuf ta'an beekee akkana isaaniin jedhe, « ‹Hennaan diqqoon hin jirti na argitan, akkasuma hennaan diqqoon hin jirti na hin argitan› waan jedheef kana wol qortanii?
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yesuusillee akka gaafachu'uuf ta'an beekee akkana isaaniin jedhe, « ‹Hennaan diqqoon hin jirti na argitanille'e, akkasuma hennaan diqqoon hin jirti na hin argitan› waan jedheef, kana wol qortanii?
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yesus'llee isa gaafachu'uuf akka barbaadan beekee akkana isaaniin jedhe, «Ufii keessan ka wol gaafattan, ‹yeroo muraasaan duubatti ana hin argitan, ammoo yeroo muraasaan duubatti ana ni argitan› waan isiniin jedheef moo?
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yesuus akka isaan isa gaafatiisa barbaadane beekee, « ‹Yennaa diqqo'oon duuba na hin dhaggitanu, ammalle yennaa diqqo'oon duuba deebitanee na hin dhaggitan› waan ani jedheef, isin wol gagaafattanii?