John 16:2 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Mana Waaqeffannaa Yihudootaa keessaa isin baasan; nami isin ijjeesu tokko, waan Waaqaaf tajaajilu yennaan itti fakkaattu hin dhutti.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Maneeni Waaqa iti kad'atani keesaa isani yaasani. Tana male, hojjaani ind'ufti ta nami isani ijeesu waan Waaqaa hojatu ufi sehu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Manneen waldeennaa keessaa isan yaasani. Tana maleellee, yo'ii namii isan ijjeesu waan Waaqaa hojjatu ufii sehu indhufa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Mana sagada Yihuudotaa keessaa isin baasan; kana calla'aallee miti; akkasuma worri isin ajjeesan maruu akka waan Rabbii hojjata'aaranii hennaan isaanitti fakkaatu hin dhufa.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Mana sagada Yihuudotaa keessaa isin baasanii kana caalaallee akkasuma worri isin ajjeesan maruu akka waan Rabbii hojjataaranii hennaan isaanitti fakkaatu hin dhufa.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Bakka wolgayii isaaniitii baasanii isin ni ari'an, gonkumaa isin ka ajjeesan marrinuu, Waaqa waan tajaajilanii yeroo itti fakkaatu ni dhufa.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Mana Waaqonfannaa Yihudootaa keessaa isin baasan; nami isin ijjeesu tokko, waan Waaqaaf tajaajilu yennaan itti fakkaattu hin dhutti.