John 16:30 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Amma akka ati waan mara beettu, gaaffii nami qabu adoo inni si hin gaafatinille akka beettu nuuti beenneerra. Tanaaf akka ati Waaqa biraa dhutte nuuti hin dhugeeffanna” jedhaneen.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammatana aka ati waan ch'ufa beetu nu la hubanne; waan nami wo si gaafatuufi inqabdu. Waan kanaafi aka atini gara Waaqaati d'ufte d'ugefanna.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Nu amma akka atin waan cufaa beettu la hubannee, waan namii wa si gaafatuuf hinqabdu. Waan kanaaf akka atin gara Waaqaatii dhufte dhugeeffanna” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Maraa akka beettuuf eennullee akka si gaafachuu hin barbaanne amma beenneerra, kanaaf Rabbiin biraa akka dhufte hin amanna» jedhaniin.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Maraa akka beettuuf eennullee si gaafachuu akka hin barbaanne amma beenneerra, kanaaf Rabbiin biraa akka dhufte hin amanna» jedhaniin.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
ati waan maraa akka beekittuu fi eennu'llee gaafii siif dhiyeessuu akka hin barbaachifnne, amma beekinnee jirra, kanaaf Waaqa biraa akka dhufitte ni amanna.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Amma akka ati waan mara beettu, gaaffii nami qabu adoo inni si hin gaafatinille akka beettu nuuti beenneerra. Tanaaf akka ati Waaqa biraa dhutte nuuti hin dhugeeffanna» jedhaneen.