John 16:5 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Yesuus, “Ani ammoo amma gara ka ana ergee deemaara; isin keessaa nami tokkolle, ‘Eessa dhaqaarta?’ jedhee ana hin gaafatu.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo amma gara nama na erge gala; isani keesa tokoleeni ka, Garami deemta? jed'e na gaafatu injiru.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
“Amma ammoo gara nama na ergee gala; isan keessaa namii tokkolleen ka, ‘Garam deemta?’ jedhee na gaafatu hinjiru.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Amma ammo gara ka na ergee deema; isin keessaallee ka eessa deemta? jedhee na gaafatu hin jiru.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Amma ammoo gara ka na ergee deema; isin keessaallee eessa deemta? jedhee ka na gaafatu hin jiru.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Amma garuu gara ka ana ergee deemuu kiyya, ta'u'llee isin keessaa ‹garam deemitta› jedhee, ka ana gaafatu hin jiru.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yesuus, «Ani ammoo amma gara ka ana ergee deemaara; isin keessaa nami tokkolle, ‹Eessa dhaqaarta?› jedhee na hin gaafatu.