John 16:7 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Ani ammoo dhugaa isinitti hima: ani yoo deeme isinii woyya; sababille ani yoo hin deemin, Jajjabeessaan gara keessan hin dhufu. Ani yoo deeme ammoo, isa gara keessan hin erga.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Anini ammo dubbi d'uga isaniti hima: aka anini deemuti ira isani jira. Wonti akanatiifi yo anini indeemini, Qarqaarsi kaani isanii ind'ufu. Ammo yo anini deeme, anini isa isanii erga.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Anin ammoo dubbii dhugaa isanitti himaa, yo anin deeme irra isanii jirti; wantii akkanaatiif yo anin hindeemin, qarqaarsii kaan isanii hindhufu. Anin ammoo yo deeme, isa isanii erga.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ani ammo dhugaa isinitti hima; ani yoo deeme isinii woyya. Yoo ani hin deemnee ka isin jajjabeessu gara keessan waan hin dhufneef ani yoo deeme ammo isa isinii erga.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Ani ammoo dhugaa isinitti hima, ani yoo deeme isinii woyya. Yoo ani hin deemnee ka isin jajjabeessu gara keessan waan hin dhufneef, ani yoo deeme ammoo isa isinii erga.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Ani garuu dhugaa isiniin jedha, deemuun kiyya isiniif ni fayyada, ani yoo hin deemin jabeessaan gara keessan hin dhufu, ani yoo deeme garuu isa isinii ni erga.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ani ammoo dhugaa isinitti hima: ani yoo deeme isinii woyya; sababille ani yoo hin deemin, Jajjabeessaan gara keessan hin dhufu. Ani yoo deeme ammoo, isa gara keessan hin erga.