John 17:11 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Ani amma gara keeti dhufaara; haganaa achi biyya lafaa keessa hin jiraadhu; isaan ammoo biyya lafaa keessa jiran. Abbaa woyyu'u! Akkuma nuuti tokko teene, worri ati anaaf kennitelle tokko akka te'anuuf, maqaa keeti ka anaaf kenniteen, isaan eegi.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Anini amma tana lafa keesa intau, ammo jari kunini lafa keesa taa; anini gara kanke d'ufa. Ee Aabbo qulqullo jabeenna kanke ka atini naa kennite sunini worra qorqorad'i aka worri akuma kenna taka tahu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Anin ammatana lafa keessa hintaa'u, ammoo jarii kunin lafa keessa taa'a; anin gara kankee dhufa. Ee'ee Abbaa qulqulloo, jabeenna kankee ka atin naa kennite sunin warra qorqoradhuu akka warrii akkuma kenna takkaa ta'u!
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ani ammaa achi adunyaa irra hin jiraadhu; isaan adunyaa kana irra jiraatan. Ani gara kee dhufa. Abbaa Woyyuu'u! ka naa kennite kanniin akka keenna akka tokko ta'aniif maqaa keetiin isaan eegi.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Ani ammaa achi adunyaa irra hin jiraadhu, isaan adunyaa kana irra jiraatan. Anillee gara kee dhufa. Abbaa Woyyuu'u ka naa kennite kanniin akka keenna tokko akka ta'aniif maqaa keetiin eegi.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Ani ammaa achitti biyya lafaa irra hin jiraadhu, isaan garuu biyya lafaa irra ni jiran. Ani gara kee dhufuu kiyya, yaa Abbaa Qulqulluu, kunniin worra naa kennite akkuma keenna tokko akka ta'an ana maqaa anaa kenniteen isaan eegi.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ani amma gara keeti dhufaara; haganaa achi biyya lafaa keessa hin jiraadhu; isaan ammoo biyya lafaa keessa jiran. Abbaa woyyu'u! Akkuma nuuti tokko teene, worri ati naaf kennitelle tokko akka te'anuuf, maqaa keeti ka anaaf kenniteen, isaan eegi.