John 17:12 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Yennaa isaan woliin jiru, maqaa keeti ka ati anaaf kenniteen ani isaan eegeera; ani isaan tisseera; Barreeffam Woyyichi akka muummawuuf, isaan keessaa ilma badi'ii malee, tokkolle ka bade hin jiru.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Haga anini worra woliini jiru, maqa kanke ka atini naa kennite suniini, anini yayu worra qorqorad'e. Ani layu worra tisse, tokoleeni imbanne, ilma badi suni male, aka t'aafiini guutamtu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Anin haga warra waliin jiru, maqaa kankee ka atin naa kennitte sunin, yaayyuu warra tissee, qorqoradhe; ilma badii sun malee warrii tokkolleen hinbanne, akka barreessin guutamtu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ani hennaa isaan woliin adunyaa tana irra jiru worra naa kennite maqaa kee ka naa kenniteen eegeera; wonti kitaabni jedhe akka raawwatamuuf ilma badi'ii malee isaan keessaa eennullee hin banne.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Ani isaan woliin hennaa adunyaa tana irra jiru worra naa kennite maqaa keetiin eegeera; wonti kitaabni jedhe akka raawwatamuuf ilma badi'ii malee isaan keessaa eennullee hin banne
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Ani isaan woliin yeroo turetti maqaa naa kenniteen isaan eegee jira, ani isaan ni eege, kanaaf dubbii Kitaaba Qulqullu'uu akka raawwatamu'uuf, kan ilma badi'ii malee gonkumaa isaan keessaa eennu'llee hin banne.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yennaa isaan woliin jiru, maqaa keeti ka ati naaf kenniteen ani isaan eegeera; ani isaan tisseera; Barreeffam Woyyichi akka muummowuuf, isaan keessaa ilma badi'ii malee, tokkolle ka bade hin jiru.