John 17:14 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Ani dubbii teeti isaanii kenneera; akkuma ani ka biyya lafaa hin te'in, isaanille ka biyya lafaa waan hin te'iniif, biyyi lafaalle isaan jibbite.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Anini dubbi tante yayu worrati kenne, nami lafa ya worra jibbe, waan worri nama lafa intahiiniifi, akuma anileeni nama lafa intahiini.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Anin dubbii tantee yaayyuu warratti kenne; akkuma anin nama lafaa hinta'in, warriilleen nama lafaa waan hinta'iniif namii lafaa ya warra jibbe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ani dubbii kee isaanii kenneera. Akkuma ani ka adunyaa tanaa hin taane isaanillee ka adunyaa tanaa waan hin taaneef biyyi lafaa isaan jibbite.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Ani dubbii kee isaanii kenneera. Akkuma ani ka adunyaa tanaa hin taane isaanillee ka adunyaa tanaa waan hin taaneef biyyi lafaa isaan jibbite.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Ani dubbii kee isaaniif kennee jira, akkuma ani biyya lafaatii hin ta'in, isaan'llee biyya lafaa irraayyii miti, kanaaf biyyi lafaa isaan ni jibbe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ani dubbii teeti isaanii kenneera; akkuma ani ka biyya lafaa hin te'in, isaanille ka biyya lafaa waan hin te'iniif, biyyi lafaalle isaan jibbite.