John 17:20 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
“Worra dubbii isaanii dhage'ee anatti dhugeeffatuufille daadimadha malee, isaan calla'aaf hin daadimadhu.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Anini worraa ch'allaa inkad'ad'u, ammo nama maro dubbi worraatiifi na d'ugefatu ch'ufale kad'ad'a.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
“Anin warraa callaa hinkadhadhu, ammoo nama marroo dubbii warraatiif na dhugeeffatuullee cufaa inkadhadha.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
«Worra barumsa isaanii fudhatanii natti amanan maraaf malee isaan calla'aaf si hin kadhadhu.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
«Maruu akka tokko ta'aniif sababaa dubbii isaanii natti waan amananiif malee, kana callaa hin kadhu. Akka ati na ergiteef Adunyaan akka amanu ati Abbaa kiyya akkuma na woliin jirtu anillee isaan keessa isaanillee ammoo nuun tokko akka ta'an si kadhadha.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
«Karaa dubbii isaatiin'llee anatti waan amananiif'llee, ni kadhadha malee, isaan qofaaf hin kadhadhu.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Worra dubbii isaanii dhage'ee natti dhugeeffatuufille gaafadha malee, isaan calla'aaf hin gaafadhu.