John 17:21 — Compare Translations

6 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Ani akka isaan maraa tokko te'anu daadimadha. Abba'a! Akkuma ati anaan jirtu anille akkuma si'iin jiru, isaanille nu'uun akka jiraatanu, akka ati na ergitelle biyyi lafaa akka dhugeeffattuuf daadimadha.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Wonti ani kad'ad'u, aka worri ch'ufti takaa tahu, akuma Aabbo, atini na keesa jirtu, anileeni si keesa jiru, aka akasuma worrileeni nu keesa jiraatu. Ammalle aka nami lafa, aka atini na ergite d'ugefatu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Wantii anin kadhadhu, akka warrii cuftii takkaa ta'u, akkuma Aabboo, atin na keessa jirtu, aniilleen si keessa jiru, akka akkasuma warriilleen nu keessa jiraatu. Ammallee akka namii lafaa, akka atin na ergite dhugeeffatu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kunillee Aabba! akkuma ati na keessa, akkasuma anillee akkuma si keessa jiru, maruu akka tokko ta'an, akkasuma akka ati na ergite, adunyaan akka beettuuf isaanillee akka nu keessa ta'aniif.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Ani'llee ka kadhadhu marrinuu akka tokko ta'aniif, akkuma kana Yaa Abbaa! Ati ana keessa akkuma jirttutti, ani'llee akkuma si keessa jirutti, isaan'llee nu keessa akka jiraataniif, ati akka ana ergite'llee biyyi lafaa akka amanuuf.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ani akka isaan maraa tokko te'anu daadimadha. Abba'a! Akkuma ati anaan jirtu anille akkuma si'iin jiru, isaanille nu'uun akka jiraatanu, akka ati na ergitelle biyyi lafaa akka dhugeeffattuuf daadimadha.