John 17:22 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Akkuma atii fi ani tokko teene, isaanille tokko akka te'anuuf, ulfinnuma ati anaaf kennite, anille isaaniif kenne.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Guddinna atini naa kennite anini yayu worraa kenne, aka worri ch'ufti takaa tahu, akuma anaafi sii takaa.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Akkuma nu takkaa taane, akka warrii cuftii takkaa ta'uu, guddinna atin naa kennite anin yaayyuu warraa kenne.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Akkuma nu tokko taane isaanillee akka tokko ta'an ulfinna naa kennite isaanii kenneera.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Nullee akkuma tokko taane, tokko akka ta'aniif, anillee isaan keessatti atillee yoo na woliin taate, guutuu akka ta'an ulfinna naa kennite anillee isaanii kenneera. Akkasuma adunyaan akka ati na ergitee fi haguma na jaalatte, isaanillee akka jaalatte hin beeka.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Akkuma nu'u tokko taane isaan'llee tokko akka ta'aniif, ulfinna naaf keennite isaaniif kennee jira.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Akkuma atii fi ani tokko teene, isaanille tokko akka te'anuuf, ulfinnuma ati naaf kennite, anille isaaniif kenne.