John 17:23 — Compare Translations

6 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Ani isaaniin, atille anaan akkuma jirtu, isaanille ijjumaa tokko akka te'anu, biyyi lafaalle akka ati na ergitee fi akkuma na jaallatte, isaanille akka jaallatte akka beettuuf daadimadha.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Anini worra keesa jira, atinileeni na keesa jirta, aka worri akuma d'ugaa taka tahu, aka nami lafa aka atini na ergite beekhe, ammalle aka atini akuma na jaalatu worrale jaalatu beekhu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Anin warra keessa jira, atilleen na keessa jirta, akka warrii akkuma dhugaa takkaa ta'u, akka namii lafaa akka atin na ergite beekee, ammallee akka atin akkuma na jaalattu warraallee jaalattu beeku!
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kun waan ani isaan keessa, atillee na keessa taateef. Akka ati na ergitee fi haga jaalala na jaalatteetiin isaanillee akka jaalatte adunyaan akka beettuuf tokkummaan isaanii guutuu haa ta'u.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Ani ka kadhadhu ani isa keessa ati'llee ana keessa taate, isaan'llee dhugamaan tokko akka ta'aniif, akkuma kana ana akka ergitee fi haguma ana jaalatteen, isaan'llee akka jaalatte biyyi lafaa akka beekuuf.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ani isaaniin, atille anaan akkuma jirtu, isaanille ijjumaa tokko akka te'anu, biyyi lafaalle akka ati na ergitee fi akkuma na jaalatte, isaanille akka jaalatte akka beettuuf daadimadha.