John 17:24 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
“Abba'a! Ati isaan anaaf kenniteerta; addee ani jiru na woliin akka isaan jiraatanu, biyyi lafaa adoo hin dadamin dura waan na jaallatteef, ulfinna ati anaaf kennite, akka isaan dhagganuuf barbaada.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ee Aabbo, aka nami atini naa kennite suni fulla anini deemu na woliini tau fed'a, aka guddinna kiyya ka atini naa kennite argani; wonti akanatiifi atini ato lafti inuumamiini na jaalatte.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Ee'ee Aabboo, akka namii atin naa kennite sun fulaa anin deemu na waliin taa'u fedha, akka guddinna kiyya ka atin adoo laftii hinuumamin na jaalatee naa kennite sun argan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
«Abbaa! Worri ati naa kennite kunniin akka hulee ani jiru jiraataniif uduu adunyaan hin uumamne waan na jaalattee fi ulfinna ati naa kennitellee akka argan barbaada.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
«Abbaa! Uduu adunyaan hin uumamne waan na jaalatteef, ulfinna naa kennite akka argan hulee ani jiru; isaaniin naa kennitellee akkasuma woliin akka ta'an jaaladha.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
«Yaa Abbaa! Biyyi lafaa uduu hin uumamiin waan ana jaalateef, ulfinna kiyya ka anaaf kennite akka arganiif, isaan kunniin ati naa kennite'llee bakka ani jiru, anaan woliin akka jiraataniif ni jaaladha.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Abba'a! Ati isaan naaf kenniteerta; addee ani jiru na woliin akka isaan jiraatanu, biyyi lafaa adoo hin dadamin dura waan na jaalatteef, ulfinna ati naaf kennite, akka isaan dhagganuuf barbaada.