John 17:26 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Ani akka isaan si beekanu godheera; jaalalli ati na jaallatte isaan keessa akka jiraatuuf, anille isaan keessa akka jiraadhu, ammalle ittuma akka beekanu hin godha” jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Anileeni maqa kanke yayu worra barsiise, ammalle inuma barsiisa, aka jaalalti atini na jaalatte worra keesa teete, anileeni worra keesa tau jed'e.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Aniilleen maqaa kankee yaayyuu warra barsiise, ammallee inuma barsiisa, akka jaalaltii atin na jaalatte warra keessa teetee, aniilleen warra keessa taa'u” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Jaalalti ati naa qabu akka isaan keessa ta'u, anillee isaan keessa akka ta'u akka si beekan taasiseera; akka si beekanillee hin godha» jedhe.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Jaalalli na jaalatteen isaan keessa akka ta'u, anillee isaanitti maqaa kee beessiseera, ammallee hin beessisa» jedhe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Jaalallitti ati ana ittiin jaalate isa irratti akka ta'uu fi ani'llee isaaniin akka ta'u, isaan'llee si akka beekan taasisee jira, akkuma kana akka si beekan isaa ni taasisa.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ani akka isaan si beekanu godheera; jaalalli ati na jaalatte isaan keessa akka jiraatuuf, anille isaan keessa akka jiraadhu, ammalle ittuma akka beekanu hin godha» jedhe.