John 17:9 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
‘Ani isaaniif daadimadha; worri ati anaaf kennite keeti waan te'aneef, isaaniif daadimadha malee, biyya lafaatiif hin daadimadhu.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Anini maro worraatiifi kad'ad'a. Maro nama lafaati inkad'ad'u, ammo nama ati naa kenniteefi kad'ad'a; wonti akanatiifi worri keti.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
“Anin warraa kadhadha, nama lafaatii hinkadhadhu, ammoo warra atin naa kennitee inkadhadha; waan warrii kankee ta'eef.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ani waan kanniinii si kadhadha. Waan adunya'aatiif si hin kadhadhu; isaan waan naa kenniteef; keellee waan ta'aniif.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Ani waan kanniin si kadhadha. Waan adunya'aatiif si hin kadhadhu; isaan waan naa kenniteef kan keellee waan ta'aniif.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
«Ani ka kadhadhu isaaniif, kunniin ka naaf kennite kee waan ta'aniif isaanii ni kadhadha, biyya lafaatiif ni kadhadhu.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Ani isaaniif daadimadha; worri ati naaf kennite keeti waan te'aneef, isaaniif daadimadha malee, biyya lafaatiif hin daadimadhu.