John 18:1 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Yesuus daadimata kana daadimateen duuba, barattoota ifii woliin dhooqa Qedirooniitiin gama dhaqe. Addee san oorru'utti jira. Yesuusii fi barattooti isaa oorruu san seenane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yesoni dubbi tana dubbannaani kae, jara ufi woliini laga Kedroni jed'ani taake. Oobruti achi jira, Yesofi jari isaa achi d'aqani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yesus dubbii tana dubbannaan ka'ee, jara ufii waliin laga Qedroon jedhan taakkee; oobruutti achi jiraa isaa fi jarii isaalleen achi duude.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yesuus haga kana jedheen maayessa darasoota ufii woliin ta'ee gara hulee biqiltuun jirtu gara Qeediroonii ceeyee gama gara hulee ashaakilti'ii seenan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yesuus kana jedhee gara hulee biqiltuun jirtu gara Qeediroonii laga gama darasoota woliin dhaqe. Inninii fi darasoonnillee achi seenan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yesus eega kana jedheen dubbatti barattoota isaa woliin, gara sulula Qedrooniitiin gamaa ni deeme, achii'llee gara bakka biqilttu'uu tokko barattoota isaa woliin ni aseene.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yesuus daadimata kana daadimateen duuba, barattoota ifii woliin dhooqa Qedirooniitiin gama dhaqe. Addee san oorru'utti jira. Yesuusii fi barattooti isaa oorruu san seenane.