John 18:10 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Simoon Pheexroos, goraadee qabateeru buqqifatee, garbicha hayyicha gudda'aa dhowee, gurra isaa middicha irraa kute. Maaqaan garbicha saniille Maalkoos.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani Simoni Petroni goraade qalqala ufi keesa luqise, tisse qaallicha gudda d'ae, gurra mirgicha iraa kute. Maqaani tisse suni Malko.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jennaan Simoon Phexros goraadee qalqala ufii keessaa luqqifatee, hojjataa qaallicha guddaa dha'ee, gurra mirgicha irraa kute. Maqaan hojjataa sunii Maalkos.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Simoon Pheexroos waan guraadee qabateeruuf ol luqqifatee garbicha bulchaa gadootaa dhayee gurra mirgaa irraa mure. Maqaan garbichaa «Maalkoos» jedhama.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Simoon Pheexroos guraadee waan qabateeruuf ol luqqifatee garbicha bulchaa gadootaa dhayee, gurra mirgaa irraa mure. Maqaan garbichaallee Maalkoos jedhama.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Simoon Phexiros'llee billaya qabatee waan tureef, luqqifateeti tajaajilaa itti gaafatamaa qeesotaa dhayee gurra isaa ka mirgaa ni mure, maqaan tajaajila'aa'llee Maalkos jedhama ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Simoon Pheexroos, shallaagaa qabateeru buqqifatee, garbicha hayyicha gudda'aa dhowee, gurra isaa middicha irraa kute. Maqaan garbicha saniille Maalkoos.