John 18:11 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Yesuus Pheexroosiin, “Goraadee keeti gonofa'atti deebisi! Muduunuu rakko'oo ta Abbaan kiyya akka ani unuuf anaa kenne ani hin unuu?” jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yesoni waan Petroni jed'e, Goraade tante qalqalati deefad'u, mala keti, muudunu gaargala ta Aabbooni naa kenne anini ind'ugu? jed'e gaafate.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yesus ammoo Phexrosiin, “Goraadee tantee qalqalaatti deeffadhu! Mala keetiiti, muduunuu gaargalaa ta Aabboon naa kenne anin indhuguu?” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yesuus Pheexroosiin, «Guraadee kee qola keessatti gad deebifadhu! Mijuu Abbaan kiyya naa kenne hin dhuguu?» jedheen.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yesuusillee Pheexroosiin, «Guraadee kee qola keessatti gad deefadhu! Mijuu Abbaan kiyya naa kenne hin dhuguu?» jedheen.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yesus garuu Phexirosiin, «Billaya kee gara qola isaa titti deebisi! Duloo sarddamaa ka Waaqinni Abbaan naa kenne, waan hin dhuginneen sitti fakkaadha ree?» jedheen.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yesuus Pheexroosiin, «Shallaagaa keeti gonofa'atti deebisi! Muduunuu rakko'oo ta Abbaan kiyya akka ani unuuf naaf kenne ani hin unuu?» jedhe.