John 18:17 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Durrittiin karra eeddu Pheexroosiin, “Ati barattoota namicha sanii keessaa tokkoo motii?” jette. Pheexroos deebisee, “Waawwo'o, anaa moti” jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Intalti balbala eeddu taani waan Petroni jette, Atini nama nama kanatiyu? Inni waan jed'eeni, Hiyyo, ani nama isatiiniti.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Intaltii karra eeddu taan Phexrosiin, “Atin nama nama kanaatiiyyuu?” jette. Innii ammoo, “Hiyyoo, anin nama isatiiniti” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hojjattuun balbala eeddu Pheexroosiin, «Atillee darasoota keessaa tokkoomii?» jetteen. Inni ammo, «Wa'a, anaa miti» jedhe.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Hojjattuun balbala eeddu Pheexroosiin, «Atillee darasoota keessaa tokkoomii?» jetteen. Inni ammoo, «Waa, ana miti» jedhe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Shamareen worddiyyaa'llee Phexirosiin, «Ati'llee barattoota nama kanaa keessaa tokkoo mitii ree?» jetteen. Inni garuu, «Ani miti» jedhe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Durrittiin karra eeddu Pheexroosiin, «Ati barattoota namicha sanii keessaa tokkoo motii?» jette. Pheexroos deebisee, «Waawwo'o, anaa moti» jedhe.